Publicidade

Salmos 4

Daadimata Waaqatti Addatiisaan Dhikaatu
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.

1 Ee Waaqa balchaa kiyya,

yennaa ani si waamu naaf owwaadhu.

Yennaa ani rakkoo keessa jiru

ati ammoo bilisa na baacha.

Ammalle naa mararii daadimata kiyya dhage'i.

2 Ee Kolba'a, isin haga yoomii ulfinna kiyya salphittan?

Haga yoomii waan bu'aa hin qanne jaalattan?

Haga yoomii dhara barbaaddan?

3 Mootiin Waan Maraa worra isaaf addatamaa te'e

akka filate beeka'a;

yennaa ani isa waammadhu naaf hin dhage'a.

4 Isin yennaa aartanulle cubbuu hin hujina'a;

isin yennaa taqee teessan irra jirtanu,

cadhisa'aatii qalbii teessan keessatti itti yaadadha'a.

5 Ciincaa sirrii te'e dhikeessa'aatii,

Mootii Waan Maraatitti addadha'a.

6 Namooti, «Waan dansaa eentu nutti mudhisa?» jedhanee gaafatanu heddu'u;

ee Mootii Waan Maraa, ifi fuula keetii nu irratti ifuu ti.

7 Gammada worri dhibiin

midhaanii fi woynii ifii irraa dhaggatu caalaa,

ati na gammachiitteerta.

8 Mootii Waan Maraa, ka nageyaan na eegu,

si qofa waan te'eef,

ani yennaa irkadhu, nageyaan rafa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-