Publicidade

Salmos 112

Gammada Nama Balcha'aa

1 Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti;

nami Mootii Waan Maraa sodaatu,

ka ajaja isaatiin guddoo gammadu

ka gammade.

2 Sanyiin isaa lafa san keessatti

worra jabaa hin te'an;

dhalooti worra qajeela'aa hin eebbifanti.

3 Manni isaa taajurumma'aa fi

durumma'aan hin guutama;

balchummaan isaaniille

haga bara baraa hin jiraatti.

4 Nama arja'aa, nama marara'aa fi,

nama balcha'aafille,

dukkana keessalle'etti ifi isaaf hin baya.

5 Nama arjaa, liqaa namaaf kennu

wonni dansaan isaaf hin teeti.

6 Dhugumaan inni ijjumaa hin raafamu;

nami balchaan haga bara baraa hin qaabatama.

7 Inni oduu hantuu hin sodaatu;

Mootii Waan Maraatitti waan addatuuf,

gadhaan isaa hin mamu.

8 Gadhaan isaa ijjumaa hin raafamu; hin sodaatu;

dhuma irratti jinnana diinota ifii hin dhagga.

9 Inni arjumma'aan worra hiyyeeyyi'iif kenna;

balchummaan isaa haga bara baraa jiraatti.

Hunnaa fi ulfinnaan hin saadama.

10 Nami hamaan tana dhaggee hin aara;

inni ilkaan ifii qaree, hin bada;

halchaan isaalle ta bu'aa hin qanne teeti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-