Publicidade

Salmos 111

Leellisa Hujii Maade'ee Mootii Waan Maraatiif Dhikaate

1 Mootii Waan Maraa Leellisa'a!

Kora worra qajeela'aatii fi wolde'a keessatti,

gadhaa tokkochaan

ani Mootii Waan Maraa hin saadadha!

2 Wonni Mootiin Waan Maraa huje guddo'o;

worri hujii guddoo saniin gammadu marti

isii hubatiisa barbaada.

3 Wonni inni huje marti

ulfinnaa fi arnyaan guutanteerti;

balchummaan isaalle

haga bara baraa jabaattee dhaabbatti.

4 Mootiin Waan Maraa

hujii ifii akka qaabatantu godhe;

inni arja'a; mararaalle'e.

5 Inni worra isa sodaatuuf sagalee hin kenna;

haga bara baraa gondooroo ifii hin qaabata.

6 Inni lafa gosa adda addaa isaanii kenniisaan,

hunna ifii kolbaa ifiititti mudhiseera.

7 Hujiin harka isaa marti dhuga'aa fi haqa;

seerri isaa marti addatama'a.

8 Seerri isaa haga bara baraa jabaatee dhaabbatee,

addatamumma'aa fi balchumma'aan hujameera.

9 Inni kolbaa ifiitiif wodoo erge;

gondooroo ifiille haga bara baraa ajaje;

maqaan isaa woyyicha; ka sodaatamelle'e.

10 Qarummaan jalqabaa

Mootii Waan Maraa sodaatiisa;

worri ajaja isaa hordofu hubantii dansaa qaban;

kolbaan haga bara baraa

Mootii Waan Maraa saadatu'uu malte.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-