Publicidade

Salmos 97

Waaqa Bulchaa Ol Aanaa

1 Mootiin Waan Maraa mooti'i!

Latti gammadduu ti;

isin worri oddoola abbaaya'aa

keessa jirtanulle gammada'a.

2 Duumensii fi dukkanti dimmi

isa marsaneeran;

balchumma'aa fi haqi

hundee mootummaa isaa ti.

3 Ibiddi dura isaa ideemaa,

diinota isa marsaneeranu mara guba.

4 Balaqqeettiin isaa biyya lafaa issiti;

lattille dhaggitee rommiti.

5 Mootii Waan Maraa ka lafa duudi'ii duratti,

gaarri akka gaga'aa hin baqa.

6 Ol-gubbaan balchummaa isaa lassiti;

kolbaan martille ulfinna isaa dhaggiti.

7 Worri fakkii waaqonfatu,

ka waaqota dharaa gatii hin qanneen kooru marti

hin fokkifatan;

waaqoti marti isaaf jilbiiffatan.

8 Ee Mootii Waan Maraa, marroo muraa teetii

worri Xiyoonii dhage'anee hin gammadan;

kolbaan Yihuda'aalle hin ilillitti.

9 Ee Mootii Waan Maraa,

ati lafa mara irratti Ol Aana'a;

ati waaqota mara caalta.

10 Worri Mootii Waan Maraa jaalatu,

waan hantuu jibbuu ti;

inni lubbuu worra addatama'aa waan eeguuf,

harka worra hamaaleyyi'ii jalaa isaan hin baasa.

11 Ifi worra balcha'aaf,

gammaddi worra qajeela'aaf baya.

12 Isin balchooti Mootii Waan Maraatiin gammada'a;

maqaa isaa woyyicha leellisa'a.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-