Publicidade

Salmos 20

Daadimata Injifannoo Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1 Guyyaa rakkinna keetii

Mootiin Waan Maraa si'iif dhage'u!

Maqaan Waaqa Yaaqoobii si eegu!

2 Inni Dunkaanii Woyyittii ifi keessaa

qarqaarsa si'iif ergu;

gaara Xiyoonii irraa qarqaarsa siif ergu.

3 Inni kennansa keeti mara fudhatee

ciincaa keeti maratti gammaduu ti.

4 Inni halchaa gadhaa keetii sii kennu;

yaada keeti mara sii guutu.

5 Yennaa ati injifatte

nuuti gammadaan hin ilillinna;

Waaqa keenna leellisiisaan

baandiraa keenna ol kaafanna;

Mootiin Waan Maraa

waan ati gaafate mara si'iif guutu.

6 Mootiin Waan Maraa

ka ifii muude akka qarqaaru ani hin beeka;

inni ol-gubbaa woyyittii ifii keessaa

deebii isaaf hin kenna;

harka ifii middichaan

injifachaa guddoo isaaf hin kenna.

7 Worri gariin

garreettaa lolaa ka fardaan harkifamu ifiititti,

worri gariin fardoo ifiititti addata;

nuuti ammoo

maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatitti addanna.

8 Isaan gufatanee hin jigan;

nuuti ammoo kaanee jabaannee hin dhaabbanna.

9 Ee Mootii Waan Maraa! Mooticha injifachiisi!

Yennaa nuuti si waammannu nuuf dhage'i!

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-