Publicidade

Salmos 13

Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1 Ee Mootii Waan Maraa,

ati haga yoomii na deeta?

Haga bara baraa tii?

Haga yoomii fuula keeti na duraa dhoffatta?

2 Haga yoomii rakkoo ciniinnadhee ossadha?

Haga yoomii gadhaan kiyya

halkanii fi guyyaa gaddaan guutama?

Haga yoomii diinoti kiyya na injifatan?

3 Ee Mootii Waan Maraa,

Waaqa kiyya na ilaalii, deebii naa deebisi.

Jabeenna kiyya adde'etti naa deebisi;

akka du'u na hin godhin.

4 Diinoti kiyya,

«Isa injifanne» jedhanee akka kooranu,

nyaapholeen kiyyalle

jinnana kiyyatti akka gammadanu hin godhin.

5 Ani ammoo marartii guddoo sanitti addadheera;

gadhaan kiyyalle fayyisiisa keetitti hin gammada.

6 Mootiin Waan Maraa

waan dansaa waan naa godheef,

ani isaaf hin faarfadha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-