Publicidade

Salmos 105

Baasa Waaqi Kolbaa Israa'eliitiif Godhe

1 Mootii Waan Maraa galateeffadha'a;

maqaa isaa waammadha'a;

waan inni huje

gosa biyya adda addaa oddu'utti beessisa'a.

2 Isa faarfadha'a; faaru'uun isa leellisa'a.

Waan bilbaasa inni huje mara odeessa'a.

3 Maqaa isaa woyyichaan ifi jaja'a;

gadhaan worra Mootii Waan Maraa barbaaduu

gammadee firinxiixuu ti.

4 Mootii Waan Maraatii fi jabeenna isaa barbaada'a;

yennaa mara fuula isaa barbaada'a.

5 Hujii baasaa ta inni huje,

bilbaasota, muraa inni kennelle qaabadha'a;

6 Isin ijoolleen Abrahaamii tajaajilaa isaa,

isin ilmaan Yaaqoobii worri isaaf filatantane

tana qaabadha'a.

7 Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna;

inni biyya lafaa duudi'itti mura.

8 Inni gondooroo ifii haga bara baraa,

jecha ifii ka ajaje

haga dhaloota kumaatitti hin dedhu.

9 Inni gondooroo Abrahaam woliin gondoore,

kakuu Yisihaqiif kakate hin dedhu.

10 Tun Yaaqoobiif Seerata,

Israa'eliif gondooroo bara baraa akka teetuuf jabeessee,

11 Mootiin Waan Maraa, «Qooda ati dhaaltu akka teetu,

ani lafa Kana'aanii si'iif hin kenna» jedhe.

12 Yennaa san laakkossi kolbaa Waaqaa hin bacanne;

isaan laakkossaan worra diqqaa, biyya ormaatitti galee,

13 gosa biyya tokkoo irraa gara gosa biyya tokkoo,

mootummaa tokko irraa

gara kolbaa dhibi'ii asii fi achi worra daaqaa ture.

14 Mootiin Waan Maraa ammoo

nami tokkolle akka isaan cunqursu hin goone;

inni isaaniif jedhee mootota xixee,

15 «Worra ani muudadhe hin tuqina'a;

raagota tiyya hin miidhina'a» jedhe.

16 Mootiin Waan Maraa lafa irratti beela buuse;

sagalee isaanii mara balleesse.

17 Ammoo inni namicha tokko

ka garbicha te'ee gurgurame,

Yoseef isaaniin dura erge.

18 Isaan wodaroo sibiilaa miila isaatitti keyanee,

wodaroo sibiilaatiin hidhane.

19 Wonni Yoseef dursee dubbate haga muummottutti,

jechi Mootii Waan Maraa haga isa ilaale.

20 Mootichi biyya Gibxi'ii

ka gosa biyya adda addaa bulchu,

nama ergee isa hiikisiisee, bilisa isa baase.

21 Inni mana ifii irratti goottaa,

qabeenna ifii mara irratti bulchaa isa godhate.

22 Qondaaltota mootichaa akka fedhe akka gorsu,

gorsitoota mootichaalle

qarummaa akka barsiisu godhe.

23 Achiin duuba Israa'el gara biyya Gibxi'ii dhaqee,

maatiin Yaaqoobii biyya Kaamiititti alagaa teete.

24 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii baceessee,

diinota isaanii caalaa isaan jabeesse.

25 Worri Gibxi'ii akka kolbaa isaa jibbitu,

tajaajiltoota isaatitti mala akka dhoottu godhe.

26 Achiin duuba inni tajaajilaa ifii Muuse'ee fi

Aaronii ifii filate erge.

27 Isaan beessisa bilbaasa isaa worra Gibxi'ii oddu'utti,

waan maade'ee lafa kaamii keessatti hujane.

28 Mootiin Waan Maraa

dukkana ergee lafa dukkaneesse;

worri Gibxi'ii ammoo waan inni jedhe mormane.

29 Inni bisaan isaanii gara dhiigaa jijjiiree,

qurxummii isaaniille akka du'anu godhe.

30 Biyya isaanii,

kolloon moototaalle adoo hin hafin

raachi keessa guute.

31 Mootiin Waan Maraa dubbannaan

faachii fi bookeen

biyya isaanii duudii keessa dhufane.

32 Bokkeya isaanii bokkeya dhaka'aa godhee,

lafa isaanii maratti mandiisuu buuse.

33 Woynii isaaniitii fi harruu isaanii balleessee,

muka lafa isaanii butuche.

34 Inni dubbannaan awwaannisi,

korophiis laakkowanee hin dandeenne dhufane.

35 Isaan waan bisilee lafa isaanii keessaa mara,

midhaan lafa isaaniille nyaatane.

36 Mootiin Waan Maraa

biyya Gibxi'ii keessaa

angafa te'ee ka dhalate mara,

ilma isaanii angaficha mara ijjeese.

37 Achiin duuba inni

Israa'elooti meeti'ii fi worqii

fudhatanee akka bayanu godhe;

gosa isaanii keessaa

tokkolle nami duubatti hafe hin jiru.

38 Worri Gibxi'ii guddoo waan isaan sodaataneef,

yennaa Israa'elooti bayanu gammadane.

39 Mootiin Waan Maraa

akka golla'aa duumensa diriirsee,

halkan ifa akka isaanii kennu

ibidda isaaniif qopheesse.

40 Isaan gaafannaan inni barbadi-kille isaaniif fide;

ol-gubbaa irraa sagalee isaanii kennee isaan quusse.

41 Inni rassaa dhoosee, bisaan keessaa lola'ee,

akka lagaa goomolee keessa yaa'e.

42 Inni addii ifii woyyittii,

tajaajilaa ifii Abrahaamiif kenne qaabate.

43 Inni kolbaa ifii gammadaan,

worra isaaf filame ililleetti'iin akka bayanu godhe.

44 Inni lafa gosa biyya adda addaa isaaniif kenne;

maarre isaan lafa worri dhibiin itti elowe fudhatane.

45 Tunille akka isaan seerata isaatii fi

seera isaa eegatanuuf teete.

Mootii Waan Maraa leellisa'a.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-