Publicidade

Salmos 64

Daadimata Diinota Jalaa Bayiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1 Ee Waaqa, rakkinna keessatti

qoonqoo tiyya naaf dhage'i;

sodaachisaa diinaa irraa na eegi.

2 Mala worra hama'aa duraa,

waan hantuu hujiisaa

worra wolitti qabamu duraa na dhossi.

3 Isaan arraba ifii akka shallaaga'aa qaratan;

dubbii hadhoottuu akka daayaa darbatan.

4 Isaan dhokatanee nama yakkaa hin qannetti,

sodaa malee dedhuma darbatan.

5 Isaan waan hantuu hujiisaaf woliin mari'atan;

tiyyoo afiisaaf dhossa'aan mala dhowaa,

«Eentu nu dhagga?» jedhaa yaadan.

6 Yaadi gadhaa namaatii fi qalbiin namaa

gad fagoo waan teeteef,

isaan waan hantuu mala dhowanee,

«Nuuti mala dansaa dhoonneera» jedhan.

7 Waaqi ammoo daaya ifii gara isaanii hin darbata;

isaan dedhuma hin madowan.

8 Waaqi dubbuma arraba isaaniitiin

gara badi'ii isaan fida;

worri isaan dhaggu marti

murgo'oon mataa ifii itti hin raasan.

9 Nami marti hin sodaata;

isaan hujii Waaqaa lallabaa,

waan inni godhelle yaadanee hin hubatan.

10 Worri balchaan

Mootii Waan Maraatiin gammaduu ti;

isatti baqatuu ti;

worri qajeelaan marti

Mootii Waan Maraa leellisuu ti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-