1 Ee Waaqa, ati nu gatteerta;
nu caccassiteerta;
nutti aarteerta; amma adde'etti nu deebisi.
2 Ati lafa tachoottee, dhodhoocheerta;
isiin waan raafamiisatti jirtuuf,
dho'a isi'ii san fayyisi.
3 Ati kolbaan teeti
akka guddoo rakkattu gooteerta;
daadhii woyni'ii
ta akka nuuti tintimaa ideennu nu gootu
nuu kenniteerta.
4 Isaan akka daaya jalaa miliqanuuf,
ati worra si sodaatuuf,
baandiraa akka ol kaafatanu
isaaniif kenniteerta.
5 Kolbaan ati jaalattu akka baatu,
hunna teetiin nu baasi;
daadimata keennaafille deebii kenni.
6 Waaqi addee woyyittii ifii keessaa,
«Ani injifadhee,
lafa ‹Sheekem› jedhantu hin hira;
dhooqa Suukootii kolbaa tiyyaaf qooda.
7 Latti Giil'aadii tiyya;
latti Minaase'eelle tiyya;
Efreem gullee tiyya ta sibiilaa ti;
Yihudaan ulee tiyya ta bokku'uu ti.
8 Mo'aab gabataa kiyya ka itti dhiqataa ti;
Edoom kiyya akka te'e mirkaneessiisaaf,
kophee tiyya irratti hin qolaansa;
Filisxeemota irratti injifanno'oon ilillisa» jedheera.
9 Gara qachaa guddicha dalleya
dhaka'aatiin marfamee eentu na fida ree?
Akka loluuf gara Edoomii eentu na geessa ree?
10 Ee Waaqa, ati nu gatteerta;
loltoota teenna woliin bayiisa lakkitteerta.
11 Qarqaarsi namaa womaa waan nu'uuf hin baaneef,
diinota keenna akka lolluuf,
ati nu qarqaar.
12 Qarqaarsa Waaqaatiin hin injifanna;
inni diinota keenna hin salphisa.