Publicidade

Salmos 46

Waaqi Nu Woliin Jira
Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif, ta qoonqoo durraatiin faarfatane.

1 Waaqi addee itti baqannu;

inni hunna teenna;

yennaa rakko'oo inni guddoo nu qarqaara.

2 Tanaaf latti yoo tachoote,

gaarri gara qilee abbaaya'aa yoo bu'e,

3 bisaan yoo shookkisee hoomachowe,

raafamiisa isaatiin

gaaroti yoo hollatanelle nuuti hin sodaannu.

4 Lagi maddi isaa qachaa Waaqaa,

addee woyyittii Waaqi Ol Aanaan le'u

gammachiisu tokko jira.

5 Waaqi qachaa san keessa waan jiruuf,

qachaan sun hin tacho'u;

Waaqi barii ganama qachaa san hin qarqaara.

6 Gosi biyya adda addaa hogitte,

mootummootille jidde;

Waaqi qoonqoo ifii dhageessise,

lattille baxxe.

7 Mootiin Waan Maraa

Waaqi Waan Mara Dade nu woliin jira;

Waaqi Yaaqoobii addee nuuti itti baqannu.

8 Kowa'aatii, hujii Mootii Waan Maraa,

badii inni lafa irratti fide ilaala'a.

9 Inni lola biyya lafaa irraa hin dhaabbachiisa;

guube'ee fi eboo hin caccassa;

wonteelle ibiddaan hin guba.

10 Inni, «Cadhisa'aa, ani Waaqa akka te'e beeka'a;

ani gosa biyya adda addaa oddu'utti,

biyya lafaa irralle'etti hin saadama» jedha.

11 Mootiin Waan Maraa

Waaqi Waan Mara Dade nu woliin jira;

Waaqi Yaaqoobii addee nuuti itti baqannu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-