Publicidade

Salmos 99

Waaqi Mootii Ol Aana'a

1 Mootiin Waan Maraa mooti'i;

gosi biyya adda addaa hollattuu ti!

Inni barcumaa mootumma'aa irra

odduu dada ol-gubba'aa ta koola qaddu te'eera;

lattille tachootuu ti.

2 Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessatti gudda'a;

inni gosa biyya adda addaa irratti ol aana'a.

3 Maqaa keeti gudda'aa fi sodaatamaa leellisanuu ti.

Inni woyyu'u!

4 Ati mootichi hunnaamessa;

ati haqa jaalata;

waan sirrii te'e hundeessiteerta;

Israa'el keessatti haqaa fi balchummaa hujjeerta.

5 Mootii Waan Maraa Waaqa keenna saada'a;

miila isaa jalatti sagada'a!

Inni woyyu'u!

6 Hayyoota isaa keessaa gariin Muuse'ee fi Aaron;

worra maqaa isaa waame keessaa tokkochi Saamu'el;

isaan maqaa Mootii Waan Maraa waammatane;

innille isaaniif deebii kenne.

7 Inni utubaa duumensaa keessaa isaanitti dubbate;

isaanille qajeelfamaa fi

seerata inni isaaniif kenne eegatane.

8 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna,

ati deebii isaaniif kennite;

cubbuu isaaniitiif haluu isaan baatulle,

ati Waaqa araaraa isaaniif teeteerta.

9 Mootiin Waan Maraa

Waaqi keenna woyyuu waan te'eef,

isa saada'a;

gaara isaa woyyicha irratti isa waaqonfadha'a.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-