Publicidade

Salmos 58

Waaqi Akka Nama Hamaa Adabuuf Daadimata Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti faarfatante.

1 Isin bulchitoota,

isin dhugumaan

waan sirrii te'e hin dubbattanii ree?

Isin kolba'atti haqa hin murtanii ree?

2 Waawwo'o! Isin gadhaa keessan keessatti

waan haqa hin te'in mala dhoottan;

lafa irratti hunnaan namatti kaatan.

3 Worri hamaaleyyiin

gadaamessa haadha ifiitii jalqabanee,

karaa irraa goraneeran;

haga dhalatanee jalqabanee,

karaa fedha ifii deemaa dhara dubbatan.

4 Isaan akka dhudhuufa'aa hadhaa qaban;

isaan akka buutii gurra duuddu'uu,

5 ta qoonqoo worra qorsaan muusessuu,

yookiin dubbii worra qaroolee xanoo hujuulle hin dhageennee ti.

6 Ee Waaqa,

ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccassi;

Ee Mootii Waan Maraa,

worra akka dardaroota neenqaa qadhiffaa qabu,

qadhiffaa isaanii butuchii keessaa harcaasi.

7 Akka bisaan lola'ee dabaruu badanuu ti;

yennaa isaan guubee qopheeffatanu,

daayi isaanii tutuma te'uu ti.

8 Isaan akka calanqaa adoo ideemuu baquu te'anuu ti;

isaan akka finna du'ee dhalatee,

ka ijjumaa ifa hin dhagginii te'anuu ti.

9 Isaan akka haasumee jiituu

yookiin godduu adoo hin bobe'in,

adoo okkotee hin o'isiniin dura

qilleensaan haxowantuu ti.

10 Worri balchaan

Waaqi haluu isaaniif bayuun yennaa dhagganu,

gammadaan firinxiixan;

miila ifii dhiiga worra hamaaleyyi'iitiin dhiqatan.

11 Yennaa san namooti,

«Dhugumaan worri balchaan

gatii hin dhaggatan;

dhugumaan Waaqi biyya lafaatitti muru

hin jira» hin jedhan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-