Publicidade

Salmos 109

Iyyata Nama Rakkoo Irra Jiruu
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1 Ee Waaqa, ka ani leellifadhu,

hin cadhisin.

2 Worri hamaaleyyi'ii fi dharaameyyiin

dharaan afaan natti banatan;

arraba dharaatiin natti dubbatan.

3 Isaan na marsanee jecha jibbaa dubbatan;

sababa malee na lolan.

4 Ani isaan jaaladhulle, isaan na lolan;

ani ammoo isaaniif hin daadimadha.

5 Waan dansaa ani godheef,

isaan waan hantuu naaf deebisan;

ani isaan jaaladha;

isaan ammoo na jibban.

6 Abbaa mura'aa hamaa diina kiyya irratti kaasi;

nami isa himatu midda isaa dhaabbatuu ti.

7 Kora mura'aa duratti yakkaamessa te'ee dhaggamuu ti;

daadimati isaalle akka cubbu'uu isatti laakkowantuu ti.

8 Barri jiruu isaa gabaabbatuu ti;

nami dhibiin sooressummaa isaa fudhatuu ti.

9 Ijoolleen isaa ka abbaa hin qanne teetuu ti;

niitiin isaalle haadha hiyyeessaa teetuu ti.

10 Ijoolleen isaa daaqaa kadhattuu ti;

mana diigamaa amma keessa le'anu

keessaalle'ee ari'amanuu ti.

11 Qabeenna isaa mara

abbaan beenya'aa qabatuu ti;

waan inni itti elowee dhaggate

alagaan saamuu ti.

12 Nami isaaf nawu,

yookiin ijoollee isaa

ta abbaa hin qanne ka kunuunsu,

tokkolle hin jiraatin.

13 Sanyiin isaa dhumattuu ti;

maqaan isaanii dhaloota itti aanu keessaa

haxowamee baduu ti.

14 Mootiin Waan Maraa

yakkaa abbootii isaa ta durii qaabatuu ti;

cubbuun haadha isaalle

haxowantee hin balleeffanti.

15 Mootiin Waan Maraa

yennaa mara cubbuu isaanii qaabatuu ti;

isaan ijjumaa lafa irraa dedhamanuu ti.

16 Namichi hamaan worra hiyyeeyyii,

worra rakkata'aa fi

worra akka malee gaddeeru ari'ee ijjeese malee,

isaaniif hin mararre.

17 Inni abaaruu jaalate; abaarsi isatti dhufuu ti;

inni eebba hin jaalatu; eebbi isa irraa fagaatuu ti.

18 Inni abaarsa akka woya'aa uffate;

abaarsi akka bisaanii gara nafa isaa,

akka zayiti'ii gara lafee isaa seenuu ti.

19 Abaarsi akka woyaa inni facaafatuu,

akka hiituu inni guyyaa mara hidhatuu isatti te'uu ti.

20 Kun martinuu gatii Mootii Waan Maraa biraa

worri na himatu,

ka hantuu tiyya dubbatu

dhaggatu teetuu ti.

21 Ee Goottaa Mootii Waan Maraa, ati ammoo

maqaa keetiif jedhii waan dansaa naa godhi;

jaalala keeti ka bara baraatiin, na baasi.

22 Ani hiyyeessa, rakkataalle waan te'eef,

gadhaan kiyya na madowe.

23 Ani akka gaaddisa galgalaa dabaraara;

akka awwaannisa muka irraa hargufanuu

hargufamiisatti jira.

24 Laamiisa irraa ka ka'e jilbi kiyya lelleqe;

nafi kiyya huqqatee googiraa te'e.

25 Diinota kiyyaaf murgoo te'e;

isaan yennaa na dhagganu mataa natti raasan.

26 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, na qarqaar;

jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii na baasi.

27 Ee Mootii Waan Maraa,

wonni kun hujii harka keetii akka teete,

akka ati waan kana hujje

diinoti kiyya beekanuu ti.

28 Isaan na abaaran; ati ammoo na hin eebbitta;

isaan natti ka'an; ammoo hin salphatan;

ani tajaajilaan keeti ammoo hin gammada.

29 Diinoti kiyya salphinna akka woya'aa uffatanuu ti;

qaanii akka bullukko'oo facaafatanuu ti.

30 Afaan kiyyaan guddisee

Mootii Waan Maraa galateeffadha;

kolbaa hedduu duratti isa leellisa.

31 Sababille harka worra du'a isaanitti mure jalaa baasiisaaf,

inni midda worra rakkata'aa dhaabbatta.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-