Publicidade

Salmos 36

Hammeenna Namaatii Fi Arjummaa Waaqaa
Faaruu Daawitii tajaajilaa Mootii Waan Maraa, sooressa faarfattootaatiif.

1 Cubbuun nama hamaa gadhaa ifii keessatti

hammeenna akka yaadatu gooti;

Inni ijjumaa Waaqa hin sodaatu.

2 Inni yakkaa ifii dhaggee akka hin jibbine,

ifumaan ifi sossoba.

3 Dubbiin afaan isaa hammeennaa fi

dharaan guutanteerti;

inni qarumma'aan hujiisaa fi

waan dansaa godhiisa lakkiseera.

4 Inni rifanoo irra adoo jiruu hantuu yaadata;

karaa hamaa ideema;

waan hantuu hin didatu.

5 Ee Mootii Waan Maraa,

jaalalli keeti ka bara baraa haga ol-gubba'aa,

addatamummaan teetille

haga duumensaa hin dhaqqaddi.

6 Ee Mootii Waan Maraa,

balchummaan teeti akka gaarota gugurda'aa ti;

muraan teeti akka gad fageenna abbaaya'aa ti;

ati namaa fi horii,

bineensalle hin eedda.

7 Ee Waaqa, jaalalli keeti ka bara baraa

attam attam ka gatii guddoo qabu!

Kolbaan marti gaaddisa koola keetii jalatti baqatti.

8 Isaan sagalee bacaa mana keetii nyaatan;

ati laga keeti gammachiisaa irraa

bisaan isaaniif kennita.

9 Ati madda jiru'uu ti;

nuuti ifa keetiin ifa dhaggina.

10 Worra si beekuuf, jaalalli keeti ka bara baraa,

worra gadhaa-qajeela'aatiif

balchummaan keeti irraa hin citin.

11 Miilli worra kooruu na hin dhiitin,

harki worra hamaaleyyi'ii na hin ari'in.

12 Worri hamaaleyyiin attam akka jigane ilaali;

isaan jiganeeran, ka'uu hin dande'anu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-