Publicidade

Salmos 80

Adde'etti Deebi'iisa Israa'eliitiif Daadimata Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta akka yoyyoma faaruu, «Daraaraa» jedhantee beekkantutti faarfatante, ta dhugaa bayiisaa.

1 Ee tissee Israa'elii,

ka sanyii Yoseefii akka hoole'ee sooressitu,

ka barcumaa mootumma'aa keeti

ka wodhakkaa dada ol-gubba'aa

ta koola qadduu irra teetteertu,

nuu dhage'i;

ifa keeti issiitii,

2 sanyii Efreemii, sanyii Beniyaaminiitii fi

sanyii Minaasee duratti mudhisi.

Hunna teetiin ka'iitii,

koyii nu baasi.

3 Ee Waaqa adde'etti nu deebisi;

nuu marariitii nu baasi.

4 Ee Mootii Waan Maraa

Waaqa waan mara dande'u,

haga yoomii daadimata kolbaa teetiititti aarta?

5 Ati imimmaan akka sagale'ee isaan areerte;

akka bisaanii imimmaan isaan obaatte.

6 Gosi biyya adda addaa ta ollaa keennaa,

lafa teenna fudhatiisaaf

akka wol lolanu goote;

diinoti keennalle nutti murgane.

7 Ee Waaqa waan mara dande'u,

adde'etti nu deebisi;

nuu marariitii nu baasi.

8 Ati muka woyni'ii biyya Gibxi'iitii fiddee,

gosa biyya adda addaa ariitee baattee,

lafa san keessatti dhaadde.

9 Ati lafa san cirteefii,

muki woyni'ii sunille hidda gad fageeffatee,

lafa san guute.

10 Gaaroti gaaddisa isaatiin gollamane;

dameeleen isaalle hindheensa gugurdaa gollite.

11 Dameelee ifii haga abbaayaa Mediteraaniya'aa,

kichuu ifiille haga laga Efraaxiisii diriirfate.

12 Ati maaf dalleya isatti marfameeru irraa diiddee,

nami karaa san dabaru marti

midhaan isaa irraa guurata ree?

13 Gurreen gongoma'aa irra sirban;

bineensi marti irraa nyaatan.

14 Ee Waaqa waan mara dande'u,

gara keenna deebi'i;

ol-gubbaa irraa gad nu ilaalii, nuu dhaggi;

muka woyni'ii kana kunuunsi.

15 Muka harki keeti middichi dhaabe kana,

biqiltuu ifiif guddifate tana eegi.

16 Diinoti muranee, ibiddaan gubaneeran;

xixxaa teetiin isaan ilaalii, isaan balleessi.

17 Nama harka keeti middicha keessa jiru,

ka ifiif jabeeffatte,

harki keeti isa irra jiraatuu ti.

18 Achiin duuba nuuti

ijjumaa si irraa duubatti hin deebinu;

jiruu nuu kenni;

nuutille maqaa keeti waammanna.

19 Ee Mootii Waan Maraa

Waaqa waan mara dande'u,

adde'etti nu deebisi;

nuu marariitii nu baasi.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-