Publicidade

Salmos 144

Daadimata Injifacha'aaf Dhikaatte
Faaruu Daawitii

1 Rassaan kiyya,

ka harka kiyya lolaaf,

quba kiyya woraanaaf leenjisu,

Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti.

2 Inni Waaqa kiyya ka nama jaalatu,

kushee tiyya jadduu,

dalleya dhaka'aa kiyyaa fi fayyisaa kiyya,

wontee tiyya ta ani itti baqadhu,

ka kolbaa tiyya hedduu

na jalatti akka ajajantu godhu.

3 Ee Mootii Waan Maraa,

akka ati isa kunuunsituuf,

nami maan inni?

Yookiin akka ati isaaf yaadattuuf,

ilmi namaa maan inni?

4 Nami akka baafata hafuuraa tokkochaa ti;

barri jiruu isaaniille

akka gaaddisa dabaruu ti.

5 Ee Mootii Waan Maraa,

ol-gubbaa dayyaasii gad bu'i;

akka aarri keessaa bayu,

gaarota tuqi.

6 Balaqqeettii balaqqisiitii

diinota bittinneessi;

daaya keeti darbadhuutii isaan ari'i.

7 Gubbaa irraa harka keeti gad diriirsi;

bisaan guddaa keessaa,

harka ormaatii na baasiitii na hamburi.

8 Afaan isaanii soba dubbata;

harka middicha ol kaasanee

dharaan kakatan.

9 Ee Waaqa,

ani faaruu haareya si'iif hin faarsa;

kiraara guddicha ribuu kudhan qabu

dhowataa si faarfadha.

10 Ati moototaaf injifachaa kennita;

tajaajilaa keeti Daawitille

shallaagaa ijjeesu jalaa hin hamburta.

11 Na hamburi;

harka worra ormaa keessaa na baasi;

afaan isaanii soba dubbata;

harka middicha ol kaasanee dharaan kakatan.

12 Ilmaan teenna dargaggummaa ifiitiin

akka biqiltuu guddinna toltee,

ijoolleen durraa teenna

akka utubaa mana mootumma'aa seesiisaaf

bocamee te'anuu ti.

13 Gootaraan keenna

midhaan adda addaatiin guutamuu ti;

hooloti teenna kumootaan,

kumoota kudhaniin

diida keenna keessatti hortuu ti.

14 Horiin keenna dodorrobuu ti;

gadha'aa gatiisi, sadheessiisi hin jiraatin.

Booji'amiis hin jiraatin;

karaa keenna irratti

iyyi gaddaa hin jiraatin.

15 Kolbaan eebbi akkasii te'eef gammadduu ti;

kolbaan Mootiin Waan Maraa

Waaqa isi'ii te'eef gammadduu ti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-