Publicidade

Salmos 14

Hammeenna Namaa
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1 Worri gowwooleen, gadhaa ifii keessatti,

«Waaqi hin jiru» jedhan.

Isaan worra bada'a;

waan gadhee hujan;

isaan keessaa ka waan dansaa huju tokkolle hin jiru.

2 Worri qarooleen Waaqa barbaadu

yoo jiraate dhaggiisaaf, Mootiin Waan Maraa

ol-gubbaa irraa

gara ilmaan namaa gad ilaala.

3 Isaan martinuu ammoo karaa irraa goranee,

martinuu wolumatti worra badaa te'aneeran.

Isaan keessaa ka waan dansaa huju hin jiru;

tokkolle hin jiru.

4 Mootiin Waan Maraa,

«Worri hamaaleyyiin womaa hin hubatuu?

Akkuma nami sagalee nyaatu

worri kolbaa tiyya nyaatu,

isaan gara kiyya hin daadimatanu» jedha.

5 Mootiin Waan Maraa

worra balchoota woliin waan jiruuf,

worri hamaaleyyiin bararaqa guddaa keessa jiran.

6 Isin hamaaleyyiin

karoora worra gad aana'aa hin gufachiittan;

Mootiin Waan Maraa ammoo

isaaniif addee isaan itti baqatanu.

7 Xiyoon keessaa fayyinni kolbaa Israa'eliitiif

adoo dhufee jiraatee!

Yennaa Mootiin Waan Maraa boojuu kolba'aa deebisu,

sanyiin Yaaqoobii hin burraaxxi;

kolbaan Israa'elii hin gammaddi.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-