Publicidade

Salmos 85

Daadimata Nageya Biyyaatiif Dhikaate
Faaruu ilmaan Qoraahii, Sooressa faarfattootaatiif.

1 Ee Mootii Waan Maraa

ati lafa teeti mararteerta;

sanyii Yaaqoobiitiif

milkii adde'etti deebitteerta.

2 Ati yakkaa kolbaa teetii araaranteerta;

cubbuu isaaniille mara golliteerta.

3 Mufii teeti lakkitteerta;

aarii teeti ta bobeettu irraa deebiteerta.

4 Ee Waaqa fayyisaa keenna,

adde'etti nu deebisi;

nutti mufatiisa lakkisi.

5 Ati haga bara baraa nutti aartaa ree?

Aarii teeti dhaloota irraa

gara dhalootaatitti dabarsitaa ree?

6 Kolbaan teeti akka sitti guddoo gammadu,

deebittee nu hin jiraachittuu ree?

7 Ee Mootii Waan Maraa

jaalala keeti ka bara baraa nutti mudhisi;

fayyisiisa keeti nuu kenni.

8 Ani waan Waaqi Mootiin Waan Maraa dubbatu

hin caqasa;

kolbaan isaa, worri isaaf addatame,

gara gowwumma'aatitti hin deebi'in malee,

Mootiin Waan Maraa

nageya isaaniif waadaa gala.

9 Ulfinni isaa

lafa teenna keessa akka jiraatu,

dhugumaan fayyisiisi isaa

worra isa sodaatuuf dhikoo jira.

10 Jaalalli fi addatamummaan wol dhaggan;

balchumma'aa fi nageenni wol sunqatan.

11 Addatamummaan lafa keessaa latti;

balchummaan ol-gubbaa irraa gad ilaalti.

12 Mootiin Waan Maraa

waan dansaa hin kenna;

latti teennalle midhaan hin baatti.

13 Balchummaan dura isaa deenti;

tarkaaffii isaatiif daandii qopheessiti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-