Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 130

Faaruu Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaatte

Faaruu Ittiin Ol Bayanu

1 Ee Mootii Waan Maan Maraa,

ani qilee keessaa gara keeti iyya;

2 Ee Gootta’a, qoonqoo tiyya naaf dhage’i!

Gurri keeti gara iyya tiyyaa caqasuu ti.

3 Ee Mootii Waan Maraa,

ati adoo yakkaa namatti laakkottee,

ee Gootta’a silaa eennutti

si dura dhaabbatuu dande’a?

4 Ammoo akka nuuti si sodaannuuf,

ati nu’uuf araaranta.

5 Ani Mootii Waan Maraa eegadha;

Lubbuun tiyyalle hin eegatti;

addi’iin jecha isaa eegadha.

6 Eeddota bari’iisa eegatanu caalaa,

ee, eeddota bari’iisa eegatanu caalaa,

lubbuun tiyya Goottaa eegatti.

7 Jaalalli bara baraa

Mootii Waan Maraa bira waan jiruuf,

wodiisaaf hunni guddoolle

isa bira waan jirtuuf,

ee Israa’el, Mootii Waan Maraatitti

addii godhadhu.

8 Inni yakkaa isi’ii mara irraa

Israa’el hin woda.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também