Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 133

Jaalala Kolbaa Waaqaa

Faaruu Daawitii Ta Ittiin Ol Bayanu

1 Kolbaan Waaqaa

tokkumma’aan yennaa woliin leetu,

attam attam dansa’a;

attam attam nama gammachiisa!

2 Tokkummaan tun

akka zayitii ejersaa ta gatii guddo’oo

ta mataa irraa areeda irra gad yaatu,

areeda Aaronii irra,

haga handaara woyaa isaa gad yaatuu ti.

3 Tokkummaan tun

akka fixeensa gaara Hermoonii,

ka gaarota Xiyoonii irratti bu’uu ti;

eebbi jiruu bara baraa

achi irratti akka dhaggamu

Mootiin Waan Maraa ajajeera.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também