Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 11

Waaqatti Addatiisa

Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1 Ani gara Mootii Waan Maraa baqadheera.

Isin attam anaan,

«Akka simbirre’ee

gara gaara keetii baqadhu!» jettan?

2 Worri hamaaleyyiin guubee qopheeffateera;

dukkanaan worra addatama’atti darbatiisaaf,

daaya ifii itti qajeelfateera.

3 Hundeen waan dansa’aa marti yoo badde,

nami balchaan maan godhuu dande’a ree?

4 Mootiin Waan Maraa

Dunkaanii Woyyittii ifii keessa jira;

ol-gubbaatti barcumaa mootumma’aa ka ifii qaba.

Inni ilmaan namaa ilaala;

ilti isaalle isaan qorqorti.

5 Mootiin Waan Maraa balchoota haga hin ilaala;

hamaaleyyi’ii fi

worra hunnaan nama irratti ka’u ammoo hin jibba.

6 Mootiin Waan Maraa hamaaleyyii irratti

kashila ibiddaatii fi dhakaa bobe’u hin roobisiisa;

qilleensi gubu hiree isaanii hin te’a.

7 Mootiin Waan Maraa balchaa waan te’eef,

inni hujii balchootaa hin jaalata;

worri hujii balchaa huju fuula isaa hin dhagga.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também