Publicidade

Salmos 74

Kolbaan Akka Baatuuf Daadimata Dhikaate
Wolaloo Asaafii.

1 Ee Waaqa, ati maaf ijjumaa nu lakkitte?

Hoolota tika keeti jala jiranu irratti,

aariin teeti maaf bobeette?

2 Kolbaa teeti ta durii jalqaddee ifiif filatte,

ta gosa teeti akka te'anuuf

garbummaa keessaa wodatte,

gaara Xiyoonii,

ka dhuttee irra qubatte qaabadhu.

3 Diinoti waan mana keeti keessaa

mara balleessaneeran;

koyiitii waan diigamee hafe kana ilaali.

4 Diinoti keeti mana keeti keessaa bookkisane;

beessisa ifii ittiin beekkamanulle

achi dhaabbataneeran.

5 Isaan namoota gongomaa keessaa muka muriisaaf,

agaraa fudhatanu fakkaatan.

6 Seesa muka irraa qiriixamee hujame mara,

agara'aa fi burrisaan butuchane.

7 Isaan mana keeti ibiddaan gubane;

addee maqaan keeti itti waamamu batteessane.

8 Isaan gadhaa ifii keessatti,

«Ijjumaa isaan hin balleessina» jedhane;

isaan lafa san keessatti

addee Waaqi itti waaqonfamu mara gubane.

9 Haganaa achi beessisi hin jiraatu;

raagille hin jiraatu;

Kun haga yoomii akka te'u,

nu keessaa nami beeku hin jiru.

10 Ee Waaqa haga yoomii diinoti sitti murgan?

Haga yoomii nyaaphoti maqaa keeti tuffatan ree?

11 Ati maaf isaan hin adabin?

Maaf isaan hin balleessin?

12 Ee Waaqa, durii duriitii jalqaddee,

ati mootii kiyya;

ati fayyisiisa keeti

lafa irratti fidde.

13 Ati hunna teetiin abbaayaa gargar kutte;

mataa bineensota jawwee fakkaatuu

ka abbaayaa keessaa butuchite.

14 Ati mataa hedduu bineensa naacha fakkaatu

ka abbaayaa keessaa

ka, «Lewaataan» jedhamu butuchite;

foon isaa bineensota goomole'eetiif,

sagalee gootee kennite.

15 Ati maddaa fi caancoo akka maddu goote;

laga yennaa mara yaa'u gossite.

16 Guyyaan keeti; halkanille keeti;

adu'uu fi ji'alle addee isaaniititti sittuu keye.

17 Ka meessaa lafaa tolche si'i;

bonaa fi gannalle sittuu dade.

18 Ee Mootii Waan Maraa,

diinoti keeti attam akka si irratti murgane,

kolbaan gowwaan

maqaa keeti attam akka tuffatte qaabadhu.

19 Lubbuu kolbaa teetii worra akka saphaliisaa,

bineensatti dabarsitee hin kennin.

Jiruu kolbaa rakkattuu teetii

haga bara baraa hin dedhin.

20 Lafa addee dukkanaa keessatti,

hunnaan nama irratti ka'iis waan guuteeruuf,

ati gondooroo teeti qaabadhu.

21 Worri cunqurfame fokkifatee

akka deebi'u hin godhin;

worri hiyyeeyyi'ii fi deegi

maqaa keeti leellisanuu ti.

22 Ee Waaqa ka'i! Waan keeti falmadhu;

worri gowwaan

guyyaa guutuu akka sitti murgu qaabadhu.

23 Hogaa nyaapha keetiitii fi

harqiisa diina keetii hin dedhin.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-