Publicidade

Salmos 2

Mootii Waaqi Filate

1 Gosi biyya adda addaa maaf finqilti?

Kolbaan maaf mala bu'aa hin qanne dhootti?

2 Mootii Waan Maraatii fi ka inni muude mormiisaaf,

moototi lafaa hin kakka'an;

bulchitootille isaan woliin mala isaanitti dhootti.

3 Isaan, «Kowa'a, wodaroo sibiilaa ta isaanii

ifi irraa kunnuu ti!

Wodaroo isaaniille ifi irraa gannuu ti» jedhan.

4 Ka ol-gubbaa jiru hin kolla; Mootiin Waan Maraa

isaanitti hin murga.

5 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa

aari'iin isaan hin xixa.

Mufii ifiitiin isaan hin bararassa.

6 Inni, «Ani gaara kiyya woyyicha Xiyoon irratti

mootii kiyya muudeera» jedha.

7 Mootichi, «Ani lassii Mootii Waan Maraa hin lassa;

inni anaan, ‹Ati ilma kiyya; ani adha si uumadhe.

8 Na gaafadhu; gosa biyya adda addaa mara sii kenna;

kolbaan biyya lafaa marti qabeenna keeti hin teeti.

9 Ati ulee bokku'uu ta sibiilaatiin isaan hin bulchita.

Akka okkote'ee isaan hin butuchita› jedhe» jedha.

10 Tanaaf, isin mootoleen qalbeeffadha'a;

isin bulchitooti biyya lafaa ifi eeggadha'a.

11 Sodaa guddo'oon Mootii Waan Maraa tajaajila'a.

Rommiisaan isaaf ajajama'a.

12 Mufiin isaa ariiti'iin waan dhuttuuf,

isinitti mufatee akka isin hin balleessine,

qulqullumma'aan waaqonfadha'a.

Worri gara isaa baqatu

ka gammade.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-