Publicidade

Salmos 66

Faaruu Leellisaatii Fi Galataa
Faaruu, sooressa faarfattootaatiif.

1 Biyyi lafaa duudiin,

Waaqaaf gammadaa ilillisa'a.

2 Ulfinna maqaa isaatiif faarfadha'a;

leellisa ulfinnaa isaaf kenna'a.

3 Waaqaan, «Hujiin teeti attam attam bilbaasa!

Hunni teeti guddoo waan teeteef,

diinoti keeti soda'aan si duratti hollatan.

4 Worri lafa irra jiru marti sii sagadan;

isaan faaru'uun si leellisan;

maqaa keeti leellisaa faarfatan» jedha'a.

5 Waan Waaqi godhe kowa'aa ilaala'a;

inni hujii baasaa odduu kolba'aatitti hujeera.

6 Inni abbaayaa gargar kutee,

kolbaan isaa miila ifiitiin lafa godduu irra

laga Yordaanosii gamatti buute;

nuutille waan inni godheen gammanne.

7 Inni hunna ifiitiin haga bara baraa hin bulcha;

ilti isaa gosa biyya adda addaa hin eeddi.

Worri isa finqilu isa irratti hin ka'in.

8 Ee, gosi biyya adda addaa

Waaqa keenna leellisa'a;

qoonqoo ol qabadha'aatii isa leellisa'a.

9 Inni jiru'uun nu eegee,

miila keennalle akka hin mucucaanne godheera.

10 Ee Waaqa, ati haga nu ilaalteerta;

akkuma meetiin ibiddaan dhimbiibantu,

ati nu dhimbiidde.

11 Ati tiyyoo keessa nu galchite;

ba'aa ulfaattuu dudda keenna irra keette.

12 Ati akka namooti mataa keenna irratti bayanu goote;

ibiddaa fi bisaan keessa dabarre;

amma ammoo addee wonni dansaan jirtutti nu baache.

13 Ani ciincaa qabadhee gara mana keetii hin seena;

waan waadaa gale si'iif hin muummessa.

14 Waadaan sun ka ani yennaa rakkoo keessa jiru

arrabi kiyya tuqee, afaan kiyya dubbate.

15 Ciincaa horii cocoomaatii fi

ciincaa korbeeyyii hoole'ee si'iif hin dhikeessa;

korommi'ii fi korbeeyyii re'e'ee hin kenna.

16 Isin worri Waaqa sodaattanu marti,

kowa'aa dhage'a'a;

ani waan Waaqi naaf godhe hin hima.

17 Ani guddisee gara isaa iyye;

arraba kiyyaan isa saade.

18 Ani cubbuu gadhaa kiyya keessatti

adoo dhoffadhee jiraadhee,

Goottaan silaa na hin caqasuuyyu.

19 Waaqi ammoo dhugumaan naaf caqaseera;

qoonqoo daadimata kiyyaalle dhage'eera.

20 Daadimata kiyya waan hin tuffatiniif,

yookiin jaalala ifii ka bara baraa

waan na irraa hin fudhatiniif,

Waaqi leellifamuu ti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-