Publicidade

Salmos 76

Injifatiisa Waaqaa
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta meya ribu'uutiin faarfatante.

1 Waaqi biyya Yihuda'aatitti beekkama'a;

Israa'el keessatti maqaan isaa gudda'a.

2 Dunkaaniin isaa Yerusaalem keessa;

addeen woyyittiin isaa gaara Xiyoonii irra.

3 Inni achitti daaya balaqqisaa deentu,

wontee, shallaaga'aa fi

meya woraanaa mara caccasse.

4 Ee Waaqa ati attam attam ulfaata'a!

Arnyi keeti gaarota gugurdaa caala.

5 Worri jannooti saamamanee,

akka malee rafaneeran;

isaan keessaa tokkolle,

harka ifiitiin womaa hujuu hin dandeenne.

6 Ee Waaqa Yaaqoobii,

xixicha keetiin

abbaan fardaatii fi fardi isaalle jigane.

7 Ati ammoo sodaatama'a;

yennaa aariin teeti kaate,

eentu si dura dhaabbatuu dande'a?

8 Ati ol-gubbaa irraa muraa teeti lassite;

biyyi lafaalle sodaattee cadhitte.

9 Ee Waaqa,

worra biyya lafaa irratti cunqurfame wodiisaaf,

yennaa ati muraa kenniisaaf kaate,

biyyi lafaa cadhitte.

10 Mufiin teeti waan hantuu waan mormituuf,

kolbaan si leellifatti;

worri mufii teeti irraa hafe

waan hantuu hujiisa hin lakkisa.

11 Waaqa Mootii Waan Maraa keessaniif

waadaa gala'a;

waan waadaa galtane san muummessa'a.

Worri lafa adaala isaa jiru marti

ka sodaatamu'uu maleef kennansa fidanuu ti.

12 Inni qondaaltota kooranu gad qaba;

mootota lafa irraalle akka malee sodaachisa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-