Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 114

Faaruu Yaadannoo Irra Dabaramaa

1 Yennaa Israa’el, sanyiin Yaaqoobii,

gosa afaan ormaa dubbattu,

biyya Gibxi’ii keessaa baate,

2 Yihudaan addee woyyittii Waaqaa,

Israa’elille bulchiisa isaa jala teete.

3 Abbaayaan dhaggitee baqatte;

lagi Yordaanosiille gara duubaa deebi’e.

4 Gaaroti akka korbeeyyii hoole’ee,

koobotille akka ilmoolee hoole’ee burraaqane.

5 Ee abbaaya’a, ati maaf baqatte?

Ee laga Yordaanosii, gara duubaa maaf deebite?

6 Ee gaarota, isin maaf akka korbeeyyii hoole’ee,

ee koobota,

isin maaf akka ilmoolee hoole’ee burraaxxane?

7 Ee lafa, Goottaa duratti,

fuula Waaqa Yaaqoobii duratti holladhu!

8 Inni rassaa gara baleessaatitti,

rassaa jabaa gara madda bisaaniititti hin deebisa.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também