Publicidade

Salmos 26

Daadimata Nama Komii hin qannee
Faaruu Daawitii.

1 Ani komii tokko malee,

sitti addadhee raafama malee waan le'eef,

Ee Mootii Waan Maraa, naaf muri.

2 Ee Mootii Waan Maraa,

na qorqori, hagalle na ilaali;

gadhaa kiyyaa fi qalbii tiyya qorqori.

3 Jaalalli keeti ka bara baraa

ila tiyya dura jira;

anille dhugaa teetiin hin ideema.

4 Ani sobaaleyyii woliin hin tee'u;

worra kijiboolee jaala hin godhadhu.

5 Ani yaa'ii worra hantuu hujuu hin jibba;

hamaaleyyii wolille'een hin tee'u.

6 Yakkaa akka hin qanne mudhisiisaaf,

harka dhiqadha;

Ee Mootii Waan Maraa,

addee ciinca'aa teeti cinaa mara.

7 Faaruu galataa guddisee faarfataa,

hujii maade'ee teeti hin odeessa.

8 Ee Mootii Waan Maraa, mana keeti addee ati leetu,

addee ulfinni keeti jiru, ani hin jaaladha.

9 Lubbuu tiyya cubbaaleyyii woliin,

jiruu tiyya worra dhiiga namaa dhangalaasu woliin

hin balleessin.

10 Harka worra akkasii keessa karoora hama'atti jira;

harka isaanii middicha keessa safu'utti guuteera.

11 Ani ammoo komii malee le'a;

na wodi; na mararfadhu.

12 Miilli kiyya lafa wol qixxee irra dhaabbateera;

gumii guddoo keessatti

ani Mootii Waan Maraa leellisa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-