Publicidade

Salmos 32

Cubbuu faaci'atiisaa Fi Araara
Wolaloo Daawitii.

1 Nami cubbuu isaatiif araarri kennameef,

ka yakkaan isaa lakkifanteef ka gammade.

2 Nami Mootiin Waan Maraa cubbuu itti hin laakkonne,

ka soba ifi keessaa hin qanne ka gammade.

3 Ani yennaa cubbuu tiyya faaci'atuu dhabe,

guyyaa guutuu aada.

4 Ati halkanii fi guyyaa na adadde;

akka waan o'i bonaa gossee,

hunni tiyya na keessaa godde.

5 Achiin duuba ani cubbuu tiyya sitti dhugaa baase;

yakkaa tiyyalle hin dhoffanne.

Ani «Cubbuu tiyya Mootii Waan Maraatitti dhugaa baasa» jedhe;

atille cubbuu tiyya naaf araarante.

6 Tanaaf, nami addatamaan marti

gara keeti daadimatuu ti.

Rakkinni akka lolaa jaba'aa yennaa dhufe,

isa hin dhaqqabu.

7 Ati addee ani itti dhokadhu;

ati rakkinna irraa na eedda.

Ati ililleettii worra bayiisa kiyyatti firinxiixuun na marsite.

8 Mootiin Waan Maraa,

«Ani karaa ati deemu'uu malte

si hubachiisee si barsiisa;

si gorsa; si toowadha.

9 Ati akka fardaa fi gaange'ee,

ka wo hin beennee hin te'in!

Bixaalaa fi lugaamaan ifitti yoo harkitte malee,

isaan sitti hin dhikaatanu» jedhe.

10 Farri worra cubbaaleyyi'ii heddu'u;

nama Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo

jaalalli isaa ka bara baraa isa hin marsa.

11 Isin balchooleen

Mootii Waan Maraatiin gammada'aa ilillisa'a!

Isin worri gadhaa qajeela'aa ilillisa'a.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-