Publicidade

Salmos 6

Daadimata Yennaa Rakkinnaa
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.

1 Ee Mootii Waan Maraa, aari'iin na hin xixin;

yookiin mufi'iin na hin adabin.

2 Ee Mootii Waan Maraa, ani dadhabaa waan te'eef,

naaf marari;

Ee Mootii Waan Maraa,

lafeen tiyya soda'aan waan na sheephitteef

na fayyisi.

3 Lubbuun tiyya guddoo na raafanteerti.

Ee Mootii Waan Maraa, na qarqaariisaaf,

ati haga yoomii turta?

4 Ee Mootii Waan Maraa, deebi'ii na baasi;

jaalala keeti ka bara baraatiif jedhii na hamburi.

5 Nami du'ee si qaabatu hin jiru;

boolla awwaalaa keessaa ka si leellisu eennu?

6 Ani aadiisaan dadhabeera;

halkan mara bowaan taqee tiyya maxanqeessee,

imimmaaniin boraatii tiyya tortorse.

7 Akka malee waan gaddeef

ilti tiyya dhagguu dadhaddeerti;

sababa diinota kiyya maraatiif

ilti tiyya caararrootteerti.

8 Mootiin Waan Maraa bowa tiyya waan dhage'eef,

isin worri hamaaleyyiin marti na irraa fagaadha'a.

9 Mootiin Waan Maraa iyya tiyya dhage'eera;

inni daadimata kiyyaaf deebii hin kenna.

10 Diinoti kiyya marti hin qaanowan;

guddoo hin sodaatanille'e;

dedhuma salphatanee, gara duubaa hin deebi'an.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-