Publicidade

Salmos 1

Karaa Lama

1 Nami gorsa hamaaleyyi'iitiin hin ideenne,

ka karaa cubbaaleyyi'ii hin hordonne,

ka worra busheeshu woliin tokkummaa hin qanne,

ka gammade.

2 Nami akkasii ammoo

seera Mootii Waan Maraatiin gammada;

halkanii fi guyyaa seeruma isaa yaadata.

3 Inni akka muka laga qarqaratti dhaabamee,

yennaa yenna'aan midhaan buusuu,

ka baalli isaa hin qoorree ti.

Wonni inni huju marti isaaf hin teeti.

4 Hamaaleyyiin ammoo akkasii moti;

isaan akka hicaacee qilleensi haxowee deemuu ti.

5 Tanaaf, hamaaleyyiin muraa jalaa hin bayanu;

cubbaalleyyiille yaa'ii balchootaa keessatti

hin dhaggamanu.

6 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa

karaa balchootaa hin beeka;

karaan hamaaleyyi'ii ammoo hin bada.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-