Publicidade

Salmos 38

Daadimata Yennaa Rakkinnaa
Faaruu Daawitii ta akka Waaqi isa qaabatuuf faarfatante.

1 Ee Mootii Waan Maraa, aari'iin na hin xixin;

mufi'iin na hin adabin.

2 Daayi keeti na woraaneera;

harki keeti gad na qabe.

3 Sababa mufii teetiitiif, nafi kiyya dhibameera;

sababa cubbu'uutiif, lafeen tiyya fayyaa hin qaddu.

4 Yakkaan tiyya mataa kiyya irra dabarteerti;

isiin akka ba'a'aa guddoo natti ulfaatteerti.

5 Sababa gowwummaa tiyyaatiif,

madaan tiyya shantee ajootti.

6 Ani gad jedhee, guddoo gugguufe;

guyyaa guutuu bowaa daaqe.

7 Hidhi kiyya waan na o'eef,

nafi kiyya fayyaa hin qabu.

8 Ani dadhabee, ijjumaa bututeera;

gadhaan waan na raafameef aada.

9 Ee Goottaa kiyya, ati halchaa tiyya mara beetta;

aadiisi kiyya si duraa dhokatee hin jiru.

10 Onneen tiyya na dhowatti; hunni tiyya na laatteerti;

ilti tiyyalle dhagguu dhaddeerti.

11 Jaaloti tiyyaa fi lansooti kiyya

sababa madaa tiyyaatiif na irraa baqatane;

firri kiyyaayyuu na irraa fagaatane.

12 Worri na ijjeesiisaaf barbaadu tiyyoo natti afan;

worri na miidhiisaaf barbaadu

na balleessiisaaf mari'atan;

isaan guyyaa guutuu mala natti dhowan.

13 Ani ammoo akka nama gurra duudee, hin dhage'u;

akka nama afaan duudee, hin dubbadhu.

14 Dhugumaan, ani akka nama hin dhageennee,

akka nama deebii deebisuu hin dandeennee ti.

15 Ee Mootii Waan Maraa,

ani ammoo addi'iin si eegadha;

Ee Goottaa Waaqa kiyya,

atille deebii naaf hin kennita.

16 Ani, «Worri yennaa miilli kiyya mucucaatu na irratti kooru,

akka isaan natti gammadanu hin godhin!» jedhe.

17 Ani jiguu geyeera;

yennaa mara ani dhibee woliin jira.

18 Yakkaa tiyya hin faaci'adha;

cubbuu tiyyaaf gadda.

19 Diinoti kiyya hunnaameyyiin baca'a;

worri sababa malee na jibbu heddu'u.

20 Yennaa ani waan dansaa huju

waan hantuu naaf deebisan;

yennaa ani waan dansaa hordofu

isaan na morman.

21 Ee Mootii Waan Maraa, na hin lakkisin;

Waaqa kiyya, na irraa hin fagaatin.

22 Ee Goottaa fayyisaa kiyya,

na qarqaariisaaf ariifadhuu koy.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-