Publicidade

Salmos 75

Waaqi Abbaa Mura'aa Ti
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Asaafii ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti faarfatante.

1 Ee Waaqa, nuuti si galateeffanna;

maqaan keeti dhikoo waan jiruuf,

nuuti si galateeffanna;

kolbaan hujii teeti ta maade'ee hin odeessiti.

2 Waaqa ati, «Ani yennaa muraa kennu murteesseera;

ani yennaa sanitti muraa sirri'ii hin kenna.

3 Yennaa lafaa fi wonni isii irraa marti tachootu,

utubaa isi'ii ka jabeessu ana.

4 Ani worra kooruun, ‹Haganaa achi hin koorina'a!›

Worra hamoole'een, ‹Gaafa hin baasina'a!

5 Gaafa keessan gara ol-gubba'aa

ol hin togina'a!

Morma yaafattanee

hin dubbatina'a!› jedhaan» jetta.

6 Ulfinni baya adu'uu irraa,

yookiin seensa adu'uu irraa,

yookiin goomolee keessaa hin dhufu.

7 Muraa ka kennu ammoo Waaqa;

inni tokko gadi qabee,

kaan ol hin qaba.

8 Mootiin Waan Maraa

muduunuu daadhii woyni'ii ta mufi'ii

hoomachoottuu harkaa qaba;

inni gad isii cossa;

worri hamaaleyyiin lafaa marti,

cingifatanee unan.

9 Ani ammoo haga bara baraa tana hin lallaba;

Waaqa Yaaqoobii faaru'uun hin leellisa.

10 Inni hunna worra hamoole'ee hin cassa;

hunni worra balchoole'ee ammoo hin ede'anti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-