Publicidade

Salmos 95

Faaruu Leellisaa

1 Kowa'a, Mootii Waan Maraatiif,

ilillisaa faarfannaa!

Rassaa nu baasu iyyinee leellifannaa!

2 Galataan fuula isaa dura dhikaannuu ti;

faaruu leellisaatiin ilillinnuu ti.

3 Mootiin Waan Maraa Waaqa gudda'a;

waaqota mara irratti mooti'i.

4 Qileen lafa jalaa harka isaa keessa jirti;

qacceen gaaraalle tama isaa ti.

5 Inni waan isii dadeef,

abbaayaan ta isaa ti;

lafa godduulle harkuma isaatitti dade.

6 Kowa'a, gad jennee isa waaqonfannaa!

Mootii Waan Maraa

ka nu dade duratti jilbiiffannaa!

7 Inni Waaqa keenna waan te'eef,

nuuti kolbaa inni bobbaasu,

hoolota inni tissu.

Adha qoonqoo isaa yoo dhageettane,

8 «Akkuma abbootiin teessan ta durii goomolee

Mariiba'aatii fi Maasa'aa keessatti goote,

isin mataa jabeeyyii hin te'ina'a.

9 Abbootiin teessan ta durii achitti,

waan ani isaanii godhe adoo dhagganeeranu

haga na ilaalanee, na aarsane.

10 Ani dhaloota san woggaa afurtama diqadhee,

‹Isaan worra karaa irraa goreeru;

karaa kiyyalle hin beenne› jedhe.

11 Ani tanaaf aaree,

‹Isaan ijjumaa biyya fooraa tiyyatti hin galanu› jedhee kakadhe» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-