Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 124

Waaqi Kolbaa Ifii Hin Eega

Faaruu Daawitii, Ta Ittiin ol bayanu

1 Mootiin Waan Maraa

nu woliin adoo jiraatuu dhabaatee,

Israa’el,

2 «Yennaa diinoti keenna nu lolanu,

Mootiin Waan Maraa

adoo nu woliin jiraatuu dhabaatee,

3 yennaa aariin isaanii

nu irratti bobeette san,

silaa adoo jirruu nu liqinsaniiyyu;

4 silaa bisaan nu haxowee dabaraayyu;

lolaan nu irra garagalaayyu;

5 silaa bisaan hamaan

nu irra yaa’aayyu» jettuu ti.

6 Ilkaan isaanii akka nu kukkutatu

ka nu hin lakkisin,

Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti.

7 Akka sinbirrooti

tiyyoo worra adansuu jalaa baatu,

nuutille tiyyoo isaanii jalaa baane;

tiyyoon ciccitte; nuutille jalaa baane.

8 Maqaa Mootii Waan Maraa

ol-gubbaaa fi lafa dadeen,

nuuti qarqaarsa dhagganne.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também