Publicidade

Salmos 77

Daadimata Jajjabeessiisaa
Faaruu Asaafii sooressa faarfattootaa Yedutu'uuf.

1 Ani qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya;

akka inni naaf dhage'u,

qoonqoo ol qabadhee gara Waaqaa iyya.

2 Yennaa rakkinnaa keessa Goottaa barbaadadhe;

halkan guutuu harka kiyya diriirse;

te'uu malee ani hin jajjabaanne.

3 Ee Waaqa, ani yennaa si qaabadhu hin aada;

yennaa guddisee itti yaadu hin gaggaba.

4 Ati ila wolitti qabatiisa na dhooggite;

haga dubbatiisa dadhabutti rakkadhe.

5 Ani marroo bara durii yaade;

woggoota durii durii qaabadhe.

6 Halkan keessa faaruu tiyya ta durii qaabadhe;

ani guddisee itti yaadee, yaada kiyya qorqoree,

7 «Goottaan haga bara baraa nu hin gataa?

Inni ijjumaa deebi'ee nu'uuf hin nayuu?

8 Jaalalli isaa ka bara baraa,

haga bara baraa dhumatee?

Waadaan inni gale yoona hin muummowuu ree?

9 Waaqi marartii dedhee?

Aariin gadhi-laafummaa isaa dhooggitee ree?» jedhe.

10 Achiin duuba ani, «Hunni Waaqa Ol Aana'aa

waan jijjiiranteef, gaddee laaleffadhe» jedhe.

11 Ee Mootii Waan Maraa,

ani hujii teeti gugurdoo hin yaadadha;

bilbaasota ati dur goote hin qaabadha.

12 Ani marroo hujii teetii mara hin heda;

hujii teeti gugurdoo mara itti hin yaadadha.

13 Ee Waaqa, karaan keeti woyyicha;

waaqota keessaa

guddaan akka Waaqa keennaa eennu?

14 Ati Waaqa bilbaasa huju;

ati gosa biyya adda addaa oddu'utti

hunna teeti mudhitteerta.

15 Ati kolbaa teeti sanyii Yaaqoobiitii fi Yoseefii,

hunna teeti jaddu'uun wodatteerta.

16 Ee Waaqa bisaan hedduun

si dhagganee sodaatane;

qileen abbaaya'aalle raafante.

17 Duumensi bisaan gad coccosse;

gubbaa irraa mandiisuun mandiite.

Balaqqeettiin akka daayaa gara mara balaqqitte.

18 Hobonbolattii keessa mandiisuun dhage'ante;

balaqqeettiin biyya lafaa issite;

latti rommitee tachoote.

19 Abbaayaa keessa karaa,

bisaan gugurdaa keessa daandii godhatte;

faanti miila keetii ammoo hin mudhanne.

20 Harka Muuse'eetii fi Aaroniitiin

akka nama hoolee tissuu

ati kolbaa teeti sooressite.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-