Publicidade

Salmos 150

Mootii Waan Maraa Leellisa'a

1 Mootii Waan Maraa leellisa'a!

Addee Woyyittii isaa keessatti,

Waaqa leellisa'a!

Ol-gubbaa isaa hunnaamettii keessatti,

isa leellisa'a!

2 Hujii jadduu inni godheef isa leellisa'a.

Guddinna isaa,

ka waan mara caaluuf isa leellisa'a.

3 Tultulla'aan isa leellisa'a.

Kiraara guddichaa fi

maseenqo'oon isa leellisa'a.

4 Dibbe'ee fi shubbisiisaan isa leellisa'a.

Kiraaraa fi suusulle'een isa leellisa'a.

5 Sibiila wolitti dhowamee qilillisuun,

isa leellisa'a.

Sibiila wolitti dhowamee,

akka malee qilillisuun isa leellisa'a.

6 Wonni hafuura baafatu martinuu

Mootii Waan Maraa leellisanuu ti!

Mootii Waan Maraa leellisa'a!

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-