Publicidade

Salmos 15

Waan Waaqi Nama Irraa Barbaadu
Faaruu Daawitii.

1 Mootii Waan Maraa,

Dunkaanii Woyyittii teeti keessa

eentu jiraatiisa dande'a?

Kooba keeti woyyicha irra

eentu le'uu dande'a?

2 Worra komii hin qannee fi

ka waan balchaa te'e huju,

ka gadhaa ifii keessaa dhugaa dubbatu,

3 ka maqaa namaa hin balleessine,

ka jaalota ifii irratti waan hantuu hin hunye,

ka ollaa ifii hin hamanne.

4 Worra hamoolee ka tuffatu,

worra Mootii Waan Maraa sodaatu ammoo ka ulfeessu.

Ta isa miitu teetelle

waan waadaa gale ka muummessu.

5 Beesee ifii dhala malee ka liqeessu;

worra balleessaa hin qanne miidhiisaaf

safuu ka hin fudhanne.

Nami waan kana godhu ijjumaa hin raafamu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-