Publicidade

Salmos 138

Faaruu Galataa
Faaruu Daawitii

1 Ee Mootii Waan Maraa,

ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha;

waaqota duratti ani faaru'uun si leellisa.

2 Ani gara Galma keeti woyyichaa

fuula galee sagada;

jaalala keeti ka bara baraatii fi

addatamummaa keetiifille,

maqaa keetii fi jecha keeti

waan mara caalaa waan saaddeef,

ani maqaa keeti leellisa.

3 Yennaa ani si waame,

ati deebii naaf kennite;

ati na jabeessitee,

lubbuun tiyya hunna horatte.

4 Ee Mootii Waan Maraa,

jecha afaan keetii yennaa dhage'ane,

moototi lafaa martinuu si leellisan.

5 Ulfinni Mootii Waan Maraa

guddaa waan te'eef,

isaan marroo karaa isaa hin faarfatan.

6 Mootiin Waan Maraa ol aanaa te'ulle,

inni worra gad aanaa hin ilaala;

worra kooru ammoo fago'otti beeka.

7 Ani rakkinna keessa yoo ideemelle,

ati jiruu tiyya hin eedda;

ati harka keeti diriirsitee,

mufii diinota kiyyaa mormita;

harka keeti middichaan na hin baacha.

8 Mootii Waan Maraa,

ati yaada keeti mara

naaf hin muummessita;

ee Mootii Waan Maraa,

jaalalli keeti ka bara baraa ti;

hujii harka keetii ati hin lakkisin.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-