Publicidade

Salmos 120

Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Ittiin ol bayanu

1 Rakkinna kiyya keessatti

ani gara Mootii Waan Maraa iyye;

innille deebii naaf kenne.

2 Ee Mootii Waan Maraa,

worra dhara dubbatuu fi

soba dubbatu jalaa na baasi.

3 Ee isin worra dhara dubbatu,

Waaqi maan isin godha laati?

Inni attam isin adaba laati?

4 Daaya loltootaa ka qara qabuun,

kashila ibiddaa

ka muka dhaddachaatiin isin adaba.

5 Ana ka lafa worra Mesheekiititti galee,

dunkaanii worra Qedaarii keessa le'uuf aanne'e!

6 Worra nageya jibbu san odduu,

ani yennaa hedduu le'e.

7 Ani nama nageyaa ti;

yennaa ani marroo nageyaa dubbadhu ammoo,

isaan lolaaf ka'an.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-