Publicidade

Salmos 149

Faaruu Leellisaa

1 Mootii Waan Maraa leellisa'a;

faaruu haareya

Mootii Waan Maraatiif faarsa'a!

Wolde'a kolbaa isaa keessatti

isa leellisa'a.

2 Israa'elooti,

ka isaan dadeen firinxiixanuu ti;

ijoolleen Xiyoonii,

mootii ifiitiin gammadanuu ti.

3 Shubbisaa maqaa isaa faarsanuu ti;

dibbe'ee fi kiraara guddichaan

isaaf faarsanuu ti.

4 Mootiin Waan Maraa

kolbaa ifiitiin waan gammaduuf,

worra gad ifi qabu,

akka injifatanu godhee ulfinna kennaaf.

5 Kolbaan isaa,

ulfinna kanaan firinxiixanuu ti;

taqee ifii irralle'etti,

ililleetti'iin faarfatanuu ti.

6 Leellisi Waaqaa afaan isaanii keessa,

shallaagaan qara lamaa,

harka isaanii keessa jiraatuu ti.

7 Gosa biyya adda addaa haluu bayiisaaf,

kolbaa hedduulle adabiisaaf,

8 mootota isaanii wodaroo sibiilaatiin,

qondaaltota isaaniille,

sibiila miilaan hidhanuun hidhiisaaf,

9 muraa barreeffanteertu,

isaan irratti muunmmessiisaaf,

tun kolbaa isaaf addatante maraaf ulfinna.

Mootii Waan Maraa leellisa'a.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-