Publicidade

Salmos 28

Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii.

1 Ee Mootii Waan Maraa, ani si waammadha;

rassaa kiyya, ati na jalaa hin cadhisin!

Ati yoo na jalaa cadhitte,

ani akka worra boolla awwaalaatitti gad bu'ee hin te'a.

2 Qarqaarsa dhaggatiisaaf,

harka kiyya gara addee woyyittii woyyootaa teetii ol kaasee,

yennaa ani gara keeti iyyu,

daadimata kiyya naaf dhage'i.

3 Worra hamaaleyyii,

ka waan hantuu huju woliin na hin harkisin!

Isaan ollaa ifii woliin

afaaniin dubbii nageyaa dubbatan;

gadhaa ifii keessatti ammoo waan hantuu yaadan.

4 Ati akka hujii isaaniititti,

akka hujii hantuu isaaniititti gatii isaaniif kenni;

Akka hujii harka isaaniititti isaaniif kenni;

adabbii isaaniif malte isaaniif kenni.

5 Isaan hujii Mootii Waan Maraa

yookiin hujii harka isaa waan hin ilaalleef,

inni isaan hin diiga malee,

deebi'ee isaan hin ijaaru.

6 Iyya tiyya waan dhage'eef,

Mootiin Waan Maraa leellifamu.

7 Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyya;

wontee tiyyalle'e;

ani isatti addadha.

Inni waan na qarqaaree na gammachiiseef,

ani faaru'uun isa hin galateessa.

8 Mootiin Waan Maraa

kolbaa ifiitiif jabeenna isaanii ti;

ka ifii muudeef kushee fayyinnaa ti.

9 Ee Mootii Waan Maraa,

kolbaa teeti baasi;

worra keeti te'ane eebbisi;

tissee isaanii te'iitii,

haga bara baraa isaan ba'adhu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-