Publicidade

Salmos 89

Addatamummaa Waaqaa
Wolaloo Etaanii Ezraahichaa

1 Ee Mootii Waan Maraa, ani marroo jaalala keeti ka bara baraa,

yennaa mara hin faarfadha;

addatamummaa teeti dhaloota maraaf,

afaan kiyyaan hin lallaba.

2 Jaalalli keeti ka bara baraa

jabaatee akka dhaabbate,

addatamummaa teetille

akka ol-gubba'aa akka ati dhaadde,

ani hin lallaba.

3 Ati, «Ka filadhe woliin gondooroo godheera;

tajaajilaa kiyya Daawitiif,

4 ‹Sanyii teeti haga bara baraa hin jabeessa;

barcumaa mootummaa teetii

dhalootaa haga dhalootaatitti hin dhaaba›

jedhee kakadheera» jetteerta.

5 Ee Mootii Waan Maraa,

ol-gubbaan bilbaasa keeti,

yaa'iin woyyootaa

addatamummaa teeti leellifatanuu ti.

6 Ol-gubbaa keessatti

ka Mootii Waan Maraatiin wol qixxawu eennu?

Ergantoota Waaqaa ta ol-gubba'aa keessaa

ka akka Mootii Waan Maraa jiru eennu?

7 Yaa'ii woyyittii keessatti

Mootiin Waan Maraa guddoo ka sodaatame;

worra adaala isaa jiru mara caalaa sodaachisa'a.

8 Ee Mootii Waan Maraa

Waaqa Waan Mara Dande'u,

ka akka keetii eennu?

Ati jaba'a;

Ati waan maraan addatama'a.

9 Ati bulpheessa abbaaya'aa irratti baallii qadda;

danbaliin isi'ii yennaa kaatulle, hin sarmisiitta.

10 Bineensa akka jawwe'ee ka, «Rahaab» jedhamu,

akka waan qalameetitti butuchite;

irree teeti jaddu'uun diinota keeti bittinneessite.

11 Ol-gubbaan teeti; lattille teeti;

biyya lafaatii fi waan isii keessaa mara ka dade si'i.

12 Kaabaa fi kibballe sittuu dade;

gaarri Taaboriitii fi gaarri Hermoonii

maqaa keetiif ilillisan.

13 Ati irree hunnaamettii qadda;

harki keeti jaba'a;

hunna teeti mudhisiisaaf

harki keeti middichi ol ka'eera.

14 Barcumaan mootumma'aa keeti

balchumma'aa fi haqa irra dhaabbateera;

jaalalaa fi addatamummaan siin dura deeman.

15 Ee Mootii Waan Maraa,

Kolbaan ilillisaa si leellittu,

ta ifa fuula keeti duraa keessa ideentu gammadduu ti.

16 Isaan guyyaa guutuu maqaa keetitti gammadan;

balchummaa teetille'een si leellisan.

17 Ati ulfinnaa fi jabeenna isaanii waan teeteef,

fudhatama si biraa dhagganneen injifanna.

18 Wonteen teenna ta Mootii Waan Maraa ti;

mootiin keennalle ka Woyyicha Israa'elii ti.

Addii Waaqi Daawitiif Kenne

19 Ati yennaa takka tajaajiltoota addatantoota teetitti,

mudhi'iin dubbattee,

«Janna tokkoof qarqaarsa kenneera;

dargaggeessa tokko

odduu kolba'aatii filee ol kaaseera.

20 Tajaajilaa kiyya Daawiti dhaggadheera;

zayitii tiyya woyyitti'iin isa muudeera.

21 Harki kiyya isa woliin hin jiraata;

irreen tiyyalle isa hin jabeessiti.

22 Diinni isa hin injifatu;

nami hamaalle gad isa hin qabu.

23 Ani nyaaphota isaa

fuula isaa duratti hin butucha;

worra isa jibbulle gad dhowa.

24 Addatamummaan tiyyaa fi

marartiin tiyya isa woliin hin jiraatan;

maqaa kiyyaan hin injifata.

25 Ani harka isaa abbaayaa irra,

harka isaa middichalle

lagoota irra hin keya.

26 Inni, ‹Ati abbaa kiyya, Waaqa kiyya,

rassaa fayyinna kiyyaa ti› naan hin jedha.

27 Anille ilma kiyya angafa,

ka mootota biyya lafa mara caalu isa hin godha.

28 Ani haga bara baraa isa jaaladha;

gondooroon ani isa woliin godhelle

ijjumaa hin diigantu.

29 Sanyiin isaa haga bara baraa,

barcumaan mootummaa isaalle

akka ol-gubba'aa jabaatee akka dhaabbatu hin godha.

30 «Ijoolleen isaa ammoo

seera kiyya yoo diidde,

akka ajaja kiyyaatitti yoo deemuu dhadde,

31 seerata kiyya yoo diigane,

ajaja kiyya yoo eegatuu dhabane,

32 ani cubbuu isaaniitiif ule'een isaan adaba;

yakkaa isaaniitiif isaan hin dhaana.

33 Ammoo ani Daawiti jaalatiisa hin lakkisu,

yookiin addatamummaan ani isaaf qabu

soba hin teetu.

34 Ani gondooroo tiyya hin diigu,

yookiin dubbii afaan kiyyaa baatelle hin jijjiiru.

35 «Ani takkaa woyyummaa tiyyaan kakadheera;

ani Daawiti hin sobu.

36 Sanyiin isaa haga bara baraa,

barcumaan mootummaa isaalle

akka adu'uu fuula kiyya dura hin jiraata.

37 Mootummaan Daawitii,

akka ji'a dhugaa bayaa addatamaa gubba'aa,

haga bara baraa jabaattee hin dhaabbatti» jette.

38 Amma ammoo

ati ka muuddee mootii gooteetitti mufattee,

isa tuffattee gatteerta.

39 Ati gondooroo tajaajilaa keeti woliin goote diiddee,

kallacha isaa bukuu keessatti gattee batteessite.

40 Ati dalleya isaa mara jissitee,

kushee isaalle diidde.

41 Worri achiin dabaru marti isa saamane;

inni murgoo olloota ifii te'e.

42 Nyaaphota isaatiif jabeenna kennitee,

diinota isaa mara gammachiitte.

43 Qara shallaagaa isaa

gara duubaa garagalchite;

lola keessalle'etti isa hin qarqaarre.

44 Ulee bokku'uu ta isaa harkaa fuutee,

barcumaa mootummaa isaalle lafatti jissite.

45 Bara dargaggummaa isaa itti gabaassitee,

qaanii itti uffitte.

46 Ee Mootii Waan Maraa,

tun haga yoomii teeti?

Ati haga bara baraa

ifi dhoffattaa ree?

Haga yoomii mufiin teeti

akka ibiddaa bobeetti ree?

47 Barri jiruu tiyyaa

attam attam gabaabaa akka te'e yaadadhu;

ati ilmaan namaa waan bu'aa hin qanneef daddee ree?

48 Nami ijjumaa hin du'in le'uu dande'u eennu?

Awwaala jalaa ka miliquu dande'u eennu?

49 Ee Gootta'a,

jaalalli keeti ka bara baraa guddaan durii,

ka ati addatamummaa teetiin

Daawitiif kakatte meet ree?

50 Ee Gootta'a,

ana tajaajilaa keetitti attam attam

akka isaan murgane,

ani arraba gosa biyya adda addaa mara

attam attam akka ossadhe qaabadhu.

51 Ee Mootii Waan Maraa,

diinoti keeti ka ati muuddee mootii goote salphisan;

lafa inni dhaqu maratti itti murgan.

52 Mootiin Waan Maraa haga bara baraa leellifamu!

Ameen! Ameen!

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-