Publicidade

Salmos 61

Daadimata Diinota Jalaa Bayiisaaf Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.

1 Ee Waaqa, iyya tiyya dhage'i;

daadimata kiyya caqasi.

2 Addii kutadhee,

qaccee lafaa irraa si waammadha;

Gara rassaa na caalaa

ol ka'eeruu san na geessi.

3 Ati addee ani itti baqadhu waan teeteef,

diinota kiyya loliisaaf,

ati xelleephoo tiyya jaddu'u.

4 Ani bara jiruu tiyyaa mara

mana keeti keessa le'uu fedha.

Gaaddisa bobaa teetii jalatti baqatuu fedha.

5 Ee Waaqa, waadaa kiyya dhageetteerta;

qooda worra maqaa keeti sodaatuuf kennite

naafille kenniteerta.

6 Bara jiruu mootichaa irratti

woggaa hedduu ede'i;

inni dhalootaa haga dhaloota heddu'uu le'uu ti.

7 Fuula keeti duratti

haga bara baraa isa mootonsi;

jaalala keeti ka bara baraatii fi

addatamummaa teetiin isa eegi.

8 Guyyuma guyya'aan waadaa kiyya eegatiisaan,

yennaa mara faaru'uun maqaa keeti leellisa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-