Publicidade

Salmos 23

Mootiin Waan Maraa Tissee Dansa'a
Faaruu Daawitii.

1 Mootiin Waan Maraa tissee kiyya;

ani womaa hin dhabu.

2 Inni marra bisilee keessatti

akka ani foorfadhu godha;

gara bisaan dansa'aa na geessa.

3 Inni jabeenna haareya naa kenna;

maqaa ifiitiif jedhee

daandii balchaa irra na sooressa.

4 Ani dhooqa gaaddisa du'aa keessa yoo ideemelle,

ati waan na woliin jirtuuf,

Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu.

Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan.

5 Adoo diinoti kiyya dhagganuu,

ati nyaata naaf qopheessita.

Mataa kiyya zayitii ejersaa muudda;

muduunuun tiyyalle guuttee irraa dhangalaati.

6 Dhugumaan, bara jiruu tiyyaa mara,

dansummaan teetii fi

marartiin teeti na gula deeman;

bara le'ii tiyyaa mara

mana Mootii Waan Maraa keessa hin le'a.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-