Publicidade

Salmos 12

Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.

1 Ee Mootii Waan Maraa,

nami Waaqa sodaatu waan hin jirreef,

nu qarqaar;

nami addatamaan

ilmaan namaa oddu'uu dhabameera.

2 Tokko tokkoon isaanii dhara wolitti dubbatan;

Isaan hidhii kookkisaatiin soba dubbatan.

3 Mootiin Waan Maraa

hidhii sossobaatii fi arraba koorameessaa kutuu ti.

4 Isaan, «Nuuti dubbannee

waan feene hin dhagganna;

waan feene hin dubbanna;

ka nu dhoogguu dande'u hin jiru» jedhan.

5 Mootiin Waan Maraa ammoo,

«Worri hiyyeeyyiin waan cunqurfameef,

worri rakkataan waan iyyuuf,

qarqaarsa isaan barbaadanu kenniisaaf

ani hin ka'a» jedha.

6 Dubbiin Mootii Waan Maraa qullu'u;

akka meetii barbada ibiddaatitti baxxee

yennaa torba qulloottee ti.

7 Ee Mootii Waan Maraa, ati isaan hin gollita;

dhaloota hamaa irraa haga bara baraa nu hin eedda.

8 Yennaa wonni hantuun saadantu

nami marti waan hantuu jaalata.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-