Publicidade

Salmos 29

Hunna Mootii Waan Maraa
Faaruu Daawitii.

1 Isin ergantooti Waaqaa,

ulfinnaa fi hunna Mootii Waan Maraa leellisa'a.

2 Ulfinna maqaa isaatiif,

Mootii Waan Maraa leellisa'a;

Arnya woyyummaa isaatiif,

Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a.

3 Qoonqoon Mootii Waan Maraa

abbaayaa guddittii irraa dhage'anti;

Waaqi ulfinnaa, Mootiin Waan Maraa

abbaayaa irraa mandi'a.

4 Qoonqoon Mootii Waan Maraa hunnaametti'i;

qoonqoon Mootii Waan Maraa arnya qabeetti'i.

5 Qoonqoon Mootii Waan Maraa

hindheensa caccassiti;

Mootiin Waan Maraa

hindheensa Libaanoniituu hin caccassa.

6 Inni gaara Libaanonii akka jabbi'ii,

gaara Siiriyoniille

akka ilmee gafarsaa hin burraassisa.

7 Qoonqoon Mootii Waan Maraa

balaqqeettii balaqqitti.

8 Qoonqoon Mootii Waan Maraa

goomolee tachootti;

Mootiin Waan Maraa

goomolee Qaadeshii hin tachoosa.

9 Qoonqoon Mootii Waan Maraa

qilxaan akka hargufamu gooti;

baala muka badda'aa hin harcaatti;

worri addee inni jiruu martinuu,

«Ulfinni Mootii Waan Maraatiif te'u!» jedhan.

10 Mootiin Waan Maraa qilee abbaaya'aalle bulcha;

Mootiin Waan Maraa haga bara baraa hin bulcha.

11 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif jabeenna kenna;

nageyalle'een isaan eebbisa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-