Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 129

Daadimata Diinota Xiyoonii Irratti Dhikaate

Faaruu Ittiin Ol Bayanu

1 Kolbaan Israa’elii,

«Dargaggummaa tiyyaa jalqabanee,

diinoti guddoo na rakkisaneeran;

2 «Isaan dargaggummaa tiyyaa jalqabanee,

guddoo na rakkisaneeran;

te’uu malee na hin injifanne.

3 Akka nama fichaa qotuu

dudda kiyya babbassanee,

babadhisanee dudda kiyya madeessane.

4 Mootiin Waan Maraa ammoo balcha’a;

inni wodaroo worra hama’aa

na irraa kuteera» jettuu ti.

5 Worri Xiyoon jibbu martinuu qaanowanee,

gara duubaa deebi’uu ti.

6 Akka marra mana irratti latee,

adoo hin guddatin qooruu te’anuu ti;

7 marri sun qabaa harka nama isa haamuu,

yookiin hanqafoo isaa hin guutu.

8 Worri achiin dabaru,

«Eebbi Mootiin Waan Maraa isiniif te’uu ti!

Nuuti maqaa Mootii Waan Maraatiin

isin eebbinna!» isaaniin hin jedhin.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também