Publicidade

Salmos 132

Leellisa Galma Waaqaa
Faaruu Ittiin Ol Bayanu

1 Ee Mootii Waan Maraa,

Daawitii fi farra inni dhagge qaabadhu.

2 Inni Mootii Waan Maraatiif kakuu kakatee,

Waaqa hunnaamessa Yaaqoobiitiif waadaa galee,

3-5 «Haga Mootii Waan Maraatiif

addee qopheessutti,

Waaqa hunnaamessa Yaaqoobiitiif

haga mana ijaarutti,

mana kiyya hin seenu;

yookiin gara taqee tiyyaa hin dhaqu.

Ani hin rafu;

yookiin hin mugu» jedhe.

6 Nuuti Efraata'atti

marroo Saanduqa Gondooro'oo dhageenne;

diida Yaa'ariititti isii dhaggine.

7 Kowa'a, gara addee Mootiin Waan Maraa le'uu

dhandhaa!

Ejjeta miila isaa jalatti isaaf sagannaa.

8 Ee Mootii Waan Maraa, ka'i!

Saanduqa Gondooro'oo

ka hunna teeti mudhisu woliin,

gara addee foora keetii dhaqi.

9 Hayyooti teeti balchummaa uffatanuu ti;

Addatantooti teetille ilillisaa faarsanuu ti.

10 Tajaajilaa keeti Daawitiif jedhiitii,

nama muudde hin lakkisin.

11 Mootiin Waan Maraa

kakuu dhuga'aa ta hin jijjiirane,

Daawitiif kakatee,

«Ilmaanuma sanyii teetii keessaa tokkocha,

ani barcumaa mootumma'aa keeti irra

hin teessisa.

12 Ilmaan teeti Gondooroo tiyya yoo eegatane,

ajaja ani isaan barassiisu yoo eegatane,

ilmaan isaaniille haga bara baraa

barcumaa mootumma'aa keeti irra

hin tee'an» jedheera.

13 Mootiin Waan Maraa

Xiyoon waan filateef,

qe'ee ifii godhatiisaaf fedheera:

14 Inni, «Tun haga bara baraa

addee foora kiyyaa ti;

ani waan isii jaaladheef,

addee le'u isii hin godhadha.

15 Waan nyaataatiin

baceessee isii hin eebbisa;

hiyyeeyyii isi'ii

sagalee hin quussa.

16 Hayyoota isi'ii

fayyinna itti hin uffisa;

addatantooti isi'iille

ilillisaa hin faarsan.

17 Maatii Daawitii keessaa

mootii hin muuda;

ka muude saniif akka inni bulchu

karaa hin qopheessa.

18 Diinota isaa qaanii itti hin uffisa;

kallachi isa irraa ammoo

hin balaqqisa» jedheera.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-