Publicidade

Salmos 142

Miidhaa Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate
Wolaloo Daawitii, ta yennaa inni gadda keessa jiruu; Daadimata.

1 Ani qoonqoo ol qabadhee,

gara Mootii Waan Maraa iyya;

marartii dhaggatiisaaf

Mootii Waan Maraa gaafadha.

2 Komii tiyya mara

isa duratti dhangalaasa;

rakkinna kiyyalle

isa duratti himadha.

3 Yennaa ani addii kutatiisa geyeeru,

gara ani ideemaaru ati hin beetta.

Daandii ani irra ideemu keessa,

isaan fonxoroo naaf dhossaneeran.

4 Adaala kiyya ilaalii dhaggi;

nami naaf yaadatu hin jiru;

addeen ani itti baqadhu hin jirtu;

nami tokkolle haajaa kiyya hin qabu.

5 Ee Mootii Waan Maraa,

ani gara keeti iyya;

ani, «Ati ka ani itti baqadhu;

lafa worra jiraata'aa tana keessatti

ati qooda kiyya» jedha.

6 Ani waan qarqaarsa hin qanneef,

iyya tiyya naaf caqasi;

worri na miidhu

guddoo waan natti jabaataneef,

ati isaan jalaa na baasi.

7 Maqaa keeti akka leellifadhu,

hidhaa keessaa na baasi.

Ati waan dansaa waan naa gooteef,

worri balchaan na hin marsan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-