Publicidade

Salmos 126

Faaruu Worra Boojuu Keessaa Deebi'ee
Faaruu Ittiin Ol Bayanu

1 Yennaa Mootiin Waan Maraa

boojuu keessaa gara Xiyoonii nu deebise,

oojjuu nutti fakkaatte.

2 Afaan keenna kollaan,

arrabi keenna ililleetti'iin guutame.

Achiin duuba gosa biyya adda addaa oddu'utti,

«Mootiin Waan Maraa

waan guddoo isaaniif tolche» jedhante.

3 Mootiin Waan Maraa,

waan guddoo nuuf godheera;

nuutille gammanne.

4 Ee Mootii Waan Maraa,

Goomolee kibba Kana'aaniitiif

akkuma bisaan deebittu,

akka dur jirrutti nu deebisi.

5 Worri imimmaan dhangalaasaa facaasane,

ilillisaa haammatan.

6 Worri sanyii facaasiisaaf,

ba'atanee bowaa deemanu,

laddee ba'atanee ilillisaa hin deebi'an.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-